Quantcast
Channel: BAGA NAGAYAAN GARA FUULA KANAA DHUFTAN!
Viewing all articles
Browse latest Browse all 100

WALALOO HAALA YEROO

$
0
0
Oromummaa dhugaan kalee manaa baanee

Diinaan jilbiiffannuun qabsaa’uuf murannee

Hadhaa fi cinqii meeqa dhandhamannee

Har’a guyyaa keessaa maaliif jijjiiramnee?

Irbuu kaleessaa san dhiiroo ni dagannee?

Qabsoo gootoonni itti wareegaman,

Barataaf barsiisaan itti ajjeefaman,

Hayyuu fi wallisaan hidhattiin roorifaman,

Sabaaf maal qoodaniit qabsoo tana bocolan?

Qabsoo saba bal’aa kan waggaa soddomaa

Kaayyoon isii sirrii maqaanis tokkuma

Hawaasni hin qabu shakkiis tahe mama

Hawwiin teenya guddoon arguu bilisummaa

Man-tokko jaaraa citaa maaf wal saama?



Waluu numa dhabu arrabaaf ilkeenii

Yoo wal dhabanis furuu nagayaanii

Wal dhabbii uumameef maaluma furmaanni?

Dura beekuu qabu gubbarraa kaasanii

Bu’uurri wal dhabbii maaluma rakkinni?

Rakkoo jirtu furuu maaliif dadhabanii?



Qabsoo waggaa dheeraa duubatti harkisuu,

Iccitii dhaabaa diinatti geessuu,

Hayyuuf qabsaawaa maqaa xureessuu,

Aangoof bololanii dhaaba faalleessuu,

Kun maaliif tahe maaliif nu rakkisuu?
 Tan bololaniif hoo tami aangoon tunii?

Wilii hin bilisoomnee,maaliif jarjaranii?

Jaluma deemuuf abbaa godhatanii

Qabsoon abbaan qabdu qabsaawaa abbaanii.

Akkas tahuu kana maaliif dagatanii?

Kan qabsaawaniif diina fonqolchuudha

Bilisummaa dhugaa harakatti galfachuudha

Ifiin if bulchinee Oromummaan boonuudha

Ifiif wal nyaachuun hoo dhiiroo mee sirriidhaa?

Yaa kan of nyaattee eenyummaa kee gurgurtu,

Kan diinatti galtee achirraa geerartu,

Yaa kan alagaatti galuuf ammallee hamiltu

Irbuu kalee seente kan dagattu,

Kutaa fi gandaan kan addaan nu baaftu,

Yaa jeeyxu yaa saba rakkiftuu

Haqni Oromootaa si haa gaafatu

Lafeen wareegamtootaa qoree taatee si haa waraantu!

Dhiigni gootoowwanii garba ta’ee si haa nyaatu!
 Kanneen qabsotti jirtan isin qabsaahoonni,

Dhugaaf manaa baatan lubbuu kannitanii

Summii isin seenteef hamileen cabinii

Wabii bilisummaa isiniin boonanii

Qabsoo itti fufi dhihotti galiinii!

Qabsoo itti fufi dhihotti galiinii!


                                 NAJIIB
















Viewing all articles
Browse latest Browse all 100

Trending Articles


Raayyaa abbaa Maccaa Part 1


IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)


Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!


Jechoota Safuu


OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa


What is Cancer? - Oromo


WALALOO HAALA YEROO


Abbaa Gadaa Dabbasaa Guyyoo


Waaltina Afaanii!


seena elemoo qilxuu


AFAAN OROMOO


Mootummoota Oromiyaa durii keessaa



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>