Quantcast
Channel: BAGA NAGAYAAN GARA FUULA KANAA DHUFTAN!
Viewing all articles
Browse latest Browse all 100

Dawaa Haaraan Argame Dubartoota Faalama HIV irraa Olchuuf Abdii Kenne

$
0
0
Saayintistoota waaltaa CAPRISA keessaa hojjetan, kanneen dawaa haaraa argatan.



Dawaa haaraan kun, dhaluu dubartootaa keessatti kan dibamu kan afaan ingliziin “Vaginal Gel” jedhamu ta’uun beekamee jira. Dubartoota dhukkuba Eedsii irraa ittisuuf bu’a guddaa qaba, ka jedhame dawaa haaraan kun,"dhiiroota Kondomiitti gargaaramuu diduun dubartoota rakkisaniif, furmaata tokko" jedhu Qoratonni.







Dhukkubii Eedsii jiraachun isaa eega baramee waggootii 30 guutuf yeroo dhihaate kanatti, malli itti dubartonni vayirasii HIV ittiin of irra ittisuu danda’an barbaadamaa ture. Hayyonni saayinsii kan Afrikaa Kibbaa lama waaltaa qorannoo biyya isaanii CAPRISA jedhamu irraa akka dubbataniiti,dawaan haaraan kun hagam akka hojjetu qorachuuf dubartoota 889 irratti yaaliin gaggeessan abdii gaarii kenne jira.






Waajiira Tokkummaa Mootummotaa kan waa’ee Eedsiif (UNAIDS) Daarektara Waliigalaa ka ta’an Michael Sidibe, yeroo jalqabaaf wal’ansi bifa dibata dhaluutiin qophaa'e kun dubartoota 100 keessaa harka 54 ta’an irra vayrasii HIV ittisuu danda’uun, kana malees mala vayrasii kana ittiin ittisan kan dubartootaan to’atamu argamuun waan ajaa'ibaa ti, jedhu.






Addunyaa irratti namoota vayirasii HIV waliin jiraatan miliyoona 33 ta’an keessaa walakkaan dubartoota.Kana malees namoota vayirasii kanaan haarawa qabaman keessaa dhibba irraa harka 60 kanneen caalaan durbootaa fi dubartoota.






Dawaan bifa dibataa ykn akka "Jeeliitti" qopha’ee kun, dawaa TENOFIR jedhamu kan farra vayrasii HIV ta’e of keessaa qaba. Dawaan haaraa argamee kun, vayirasii HIV dubartoota irraa dhibba irraa harka 39n gad cabsuu qofa otoo hin taane, daariiqa ykn “Infection” sababaa dhukkuba afaan ingliziin “Herpes Simplex Two” jedhamun dhufu dhibba irraa harka 51n dhabamsisuu danda’ee jira.

Viewing all articles
Browse latest Browse all 100

Trending Articles


Raayyaa abbaa Maccaa Part 1


IBSA IJANNOO KALLACHA WALABUMMAA OROMIYAA (KWO)


Namni ija takka qabu cirrachaan hin taphatu!


Jechoota Safuu


OROMUMMAA -> SABBOONUMMAA -> WAREEGAMA -> WALABUMMAA -> OROMOO


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA :Kutaa 3ffaa


What is Cancer? - Oromo


WALALOO HAALA YEROO


Abbaa Gadaa Dabbasaa Guyyoo


Waaltina Afaanii!


seena elemoo qilxuu


AFAAN OROMOO


Mootummoota Oromiyaa durii keessaa



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>