AFAAN OROMOO
Seensa:
Afaan Oromoo Afaanota Kuush bahaa keessaa tokko ta’ee afaan Gaanfa Afrikaa keesstti ummata baay’eedhaan dubbatamuu dha.
Afaan Oromoo barreessuuf, dubbisuuf Qubeen Laatiinii (Roman script) filatamee hojii irra oolee jira. Kun dura namoota biyya Awurooppaan, booda kana ammoo ilmaan Oromoon erga eegalee bubbulee jira.
Sababni qubeen Laatiinii Afaan Oromoof kan warra saabaa irra filatameef gabaabaatti akka armaa gadii ta’a.
Dubbifamaa fi dubbachiiftuun adda bahanii waan beekkamaniif
Sagalee dheeraa fi qabaabaa waan qabuuf waldhawiinsa hiika jechootaa hin qabu.
Sagalee jabaa fi laafaa waan qabuuf jijjirama laafinaa fi jabinaa waan hin qabneef
Jijjiirama dubbachiifuun qubee laatiinii Afaan Ingilizii keessatti argisiistuu hin qabu.
FKnf:- Afaan Ingilizii keessatti:
‘A’n akka ‘A’tti oggaa dubbifamu- at
" " ‚E’tti oggaa dubbifamu -ate
„ „ ‘O’tti oggaa dubbifamu -all
Lakkoobsaan muraasa waan ta’eef salphaatti qayyabatama.
Bakka sagaleen jecha tokkoo addaan citutti hudhaa galchuun waan adda baafatamuuf kaan irra filatame.
I/ QUBEE AFAAN OROMOO:
Qubeen Afaan Oromoo lakkoobsaan 32 ta’u. Guguddaa fi xixiqqaas qabu:
1/ Qubee Afaan Oromoo Guguddaa:
A B C CH D DH E F G H I J K L M N NY O P PH Q R S SH T TS U V W X Y Z
QUBEE AFAAN OROMOO XIXIQQAA:
a b c ch d dh e f g h I j k l m n ny o p ph q r s sh t ts u v w x y z
Qubeen Afaan Oromoo gosa lama qaba. Isaanis qubee qeentee fi qubee dachaa jedhamu.
Qubee Qeentee:
Qubee qeenteen hidhata malee qofaa barreeffama. Guguddaa fi xixiqqaa qaba.
A. Qubee Qeentee Guguddaa:
Qubee guguddaa qeenteen guguddoo ta’anii warra hidhata malee of danda’anii dhaabbatanii dha. Isaanis kanneen kanatti aananii tarrifamanii dha.
A B C D E F G H I J K L M N O P Q R S T U V W Y X Y Z
B. Qubee Qeentee Xixiqqaa:
Qubee xixiqqaa qeenteen xixiqqoo ta’anii akkuma warra guguddaa hidhata malee of danda’anii warra barreeffamanii dha. Isaanis kanatti aananii tarrifamanii jiru.
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z
Qubee Dachaa:
Qubee dachaan lama ta’anii walitti hidhamuun akka harfii yookaan qubee tokkottiwarra dhaabbatanii dha. Isaanis guguddaa fi xixiqqaa qabu.
Qubee Dachaa Guguddaa:
CH DH NY PH SH TS ZY
Qubee Dachaa Xixiqqaa:
Ch dh ny ph sh ts
Qubeen afaan oromoo bakka lamatti qoodamu. Isaanis dubbufamaa fi dubbachiiftuu jedhamu.
1. Dubbifamaa: (Consonant)
B/b C/c CH/ch D/d DH/dh F/f G/g H/h J/j K/k L/l
M/m N/n NY/ny P/p PH/ph Q/q R/r S/s SH/sh T/t TS/ts V/v W/w X/x Y/y Z/z
2. Dubbachiiftuu: (Vowels )
A/a E/e I/i O/o U/u
Dubbifamaan ofii sagalee hin qabu, Yoo dubbachiiftuu of biraa qabaate malee
Dubbachiiftuun ammoo ofiis sagalee qabdii dubbifamaafis sagalee kenniti.
Dubbifamaa fi dubbachiiftuun walitti ida’amanii sagalee kennu.
Fkn: dubbifamaa + dubbachiiftuu - sagalee (Sound)
B + U - BU
N + A -NA
L + A - LA
G + A - GA
Sagalee fi sagaleen ammoo walitti idaa’amanii jecha ta’u.
Fkn: Sagalee + sagalee- jecha (word)
Bu + na -Buna
Ma + na - Mana
Dha + la - Dhala
Ta + pha - Tapha
Go + cha - Gocha
Sagaleen jecha tokkoo dheeraa ykn gabaabaa ta’uu danda’a.
1. Sagalee gabaabaa:
Sagalee gabaabaan dubbachiiftuu tokko qofa qaba.
Kanaaf dubbachiiftuu gosa shanan irraa sagalee gabaabaa gosa shantu argama.
Fkn: a eiou
Ba Be Bi Bo Bu
Ca Ce Ci Co Cu
Cha Che Chi Cho Chu
. . . . .
. . . . .
. . . . .
Za Ze Zi Zo Zu
2. Sagalee dheeraa:
Sagalee dheeraan dubbachiiftuun gosti tokko lama ta’anii walitti aananii oggaa galanii dha.
Fknf: aaeeiioouu
Baa bee bii boo buu
Caa cee cii coo cuu
. . . . .
. . . . .
. . . . .
nyaa nyee nyii nyoo nyuu
paa pee pii poo puu
phaa phee phii phoo phuu
qaa qee qii qoo quu
raa ree rii roo ruu
. . . . .
. . . . .
. . . . .
. . . . .
. . . . .
zaa zee zii zoo zuu
Gilgaala 1ffaa: (Exercise)
Dubbisi!
Nya, A, ch, Y, Z, v, u, dh, g, ts
II. Gaaffiillee Kanatti Aanan Deebisi!
Dubbifamaa hunda barreessi!
Qubee dachaam lakkobsaan meeqa ta’u?
qubee dachaa keessaa sadii barreessi!
Qubee qeentee guguddaa hunda barreessi!
Qubeen Afaan Oromoo lakkoobsaan meeqa ta’u?
III. Bakka duwwaatti guuti!
1. ___ + a = na
2. g + u = ____
3. y + __ = yo
4. h + c = ___
5. Ny + __ = nya
IV. Bakka duwwaattii Sagalee guutamuu qabu Guuti!
Sagalee + Sagalee = Jecha
1. bu + ____ = buna
2. __ + fa = lafa
3. ga + ____ = gama
4. ___ + ma = nama
5. bo + ___ = bona
6. a + ___ = ana
7. ___ + ja = ija
8. e + ___ = eda
9. I + ___ = ishee
10. __ + laa = ulaa
II. Jecha:
Jechi sagalee lama ykn lamaa ol irraa tolfama.
Sagaleen jecha tokkoo dheeraa ykn gabaabaa ta’uu.; yookan ammoo jabaa ykn laafaa ta’uu danda’a.Bakka bakkatti makaa jabaa fi laafaa ykn dheeraa fi gabaabaa ta’u danda’a. Kun ammo hiika adda addaa akka qabaatan godha. Isaan kana akka itti aanutti tokko tokkoon ilaalla.
1.Jechoota sagalee gabaabaa leexaa:
Jechi gabaabaa leexaan sagalee gama duraa fi gama boodaan gaggabaaboo oggaa ta’anii dha. Kana jechuun sagaleen gama lamaanuu dubbachiiftuu tokko tokko qofaa qbaatu jechuu dha. Fakkeenyaaf jechoota armaa gadii haa ilaallu.
bona, Bara, Buna, Dhala, dhuma, Laga, tapha, nama, mana, lola, muka, lafa, uka, ija, ona, eda, ala, ana
2. Jechoota sagalee dheeraa leexaa:
Dheeraa leexaa jechuun sagaleen jecha tokkoo gama lachuun jechuun gama duraa fi boodaan dhedheeroo oggaa ta’anii dha. Dibbachiiftuun sagalee gama lamaanii dachaa ta’u jechuu dha.
Fknf:’ Aadaa, Eelee, Aagii, Oolaa, Uumaa,Daadhii, Gaarii, kuulii, Nyaataa, Waadaa, Laaqii, Xaafii, Raatuu
Hub: Dheerinnii fi gabaabinni sagalee dubbachiiftuu ilaala.
3. Jechoota sagalee laafaa:
Sagalee laafaan dubbifamaa tokko qofa qaba
Fknf: Laga, Lama, shora, dhara, gara, qara, quba, guna, ala, eda,
4. Jechoota sagalee jabaa:
Sagalee jabaa jechuun dubbifamaan gosti tokko lama ta’anii walityti aananii oggaa galanii dha.
Fknf; Akka, Adda, Bakka, Damma, Amma, irra, Warra, Gurra
Hub: Jabinnii fi laafinni sagalee dubbifamaa irra hundaa’a.
Jalqaba irratti sagaleen hin jabaatu. Kana jachuun dubbifamaan dachaa ta’ee hin barreeffamu.
Gilgaala 2ffaa
1.1 Jechoota armaan gadii dubbisi!
Jala, jira, waaree, Tophi, maci, jaarraa, tabba, jibba, mooquu,
1.2 Barreessi:
Ala, eela, ija, isa, uka, fuuloo, eelee, ooluu, uraa, fura, nyaachuu, laddaa
1.3 Jachoota sagalee gabaabaa leexaa 5 barreessi!
1.4 Jachoota sagalee dheeraa leexaa 10 barreessi!
1.5 Sagalee gabaabaa jechuun maal jechuu dha? Fakkeenya 3 keenni!
1.6 Dheeraa leexaa jechuun maal jechuu dha?
1.7 Fakkeenya lamaa kan dubbachiiftuun eegalanii fi sadii dubbifamaan eegalan barreessi!
1.8 Dubbifamaa keessaa qeentee shanii fi dachaa sadii barreessi!
1.9 Qubee dachaa tartiibaan hunda isaanii barreessi!
1.10 Qubee dubbachiiftuu hunda isaanii barreessi.
1.11 Jechoota dubbifamaan eegalan dheeraa lamaa fi gabaabaa sadii barreessi!
5. Jechoota sagalee makaa:
Jechi hundi gabaabaa leexaa ykn dheeraa leexaa qofa ta’uu hin danda’u.
Sagalee dheeraa fi gabaabaan ykn jabaa fi laafaan walitti hidhamuun jecha uumuu danda’u. Jechootni akkasitti ijaaraman makaa jedhamu.
A/ jechoota sagalee gama duraa dheeraa:-
Isaan akkasii ennaa dubbifaman jalqaba irratti dheeratanii ykn irra harkisamanii dubbifamu. Dhuma irratti garuu nigabaabbatu.
Fknf: Aara, Aaga, eela, Baala, Cooma, Boora, teepha, nyaara, shoora
B/ Jechoota sagalee gamaa boodaan dheeraa :
Isaan kana keessatti ammoo dubbachiiftuun sagalee jalqabaa qeentee, sagaleen boodaa ammoo oggaa lama ta’uu dha.
Jechooti akkasii oggaa dubbifaman jalqaba irratti gabaabbatanii dhuma irratti ammoo irra harkifamanii dubbifamu.
Fkn: adii, odaa, ukoo, aduu ifaa okaa ulaa, bobaa cufaa, dhugaa, tumaa, bulaa, cimaa, shoraa, galaa
Gilgaala 3ffaa
2.1 Dubbisi! Toora, yoona, hooda, booka, coora, oggaa, buttaa, shutaa, gumii, guchii, cabbii, haphee, qakkee, dhaddee, dhibboo,dhiphuu,
2.2 Barreessi! Tuuta qooda, nyaata, dhaala, dhaaba, seera, afaa, oduu, uluu, uruu, onnee.
2.3 Jechoota gama duraan dheeraa 5n barreessi!
2.4 Jechoota gama boodaan dheeraa 10 barreessi!
2.5 Soba ykn dhugaa jechuun deebisi!
a. Sagalee dheeraan dubbifama lama qaba.
b. Dheerinni fi gabaabinni dubbachiiftuu qofa hubata ykn ilaala.
c. Bakka dubbifamaan qeentee ta’etti sagaleen ni laaffata.
d. Sagalee gabaabaan dubbachiiftuu tokko qaba.
e. Qubee tokko ida’uu ykn hir’isuun hiika jechaa hin jijjiru.
f. Jalqaba jechaa irratti sagaleen jabeessuuf dubbifamaa dachaatu barreeffama.
g. Sagaleen dubbachiiftuun eegalu dheerachuu ni danda’a.
h. Jechi sagalee makaa gama duraa qofaan kan dheeratu dha.
Hima
1.1. Hima jechuun tuuta jechootaa walitti ida’amanii (ijaaramanii) waa ibsanii dha.
Bakka bakkatti xumurtoota keessaa tokko dhuma irratti yoo dabalatan malee yaada ykn haala hin ibsani.
Walumaa gala jechootni walitti ijaaramanii hima ta’u.
Fakkeenya kanatti aananii tarrifaman haa ilaallu.
Jecha + jecha = hima
Buna + dhuga = buna dhuga
Mana + jira- = mana jira.
Lola + dhaqe- = lola dhaqe
Lagaa + gala = lagaa gala
Boora + qale = boora qale
Hulaa + bane = hulaa bane
1.2. Jechoota sagalee lamaa olii:
Jechootni tokko tokko sagalee lamaa ol irraa ijaaraman.
Fkn: Sagalee + sagalee + sagalee = jecha
A + da + ba = adaba
Ee + ga + luu = eegaluu
I + jaa + ruu = ijaaruu
Ka + lee + ssa = kaleessa
Go + ro + ra = gorora
Jechootni kanatti aanan fakkeenya jechoota sagalee lamaa olii ti.
Ajaja, olola, bolola, loqoda, jaalala, jalalii, qullubbii, ganama,
Gilgaala 4ffaa
3.1. Jechoota armaa gadii irraa hima tolchi!
Jira, bona, karra, hiruu, dhama, fura,
3.2. Soba ykn dhugaa jechuun deebisi!
A/ Himni hundi xumurtuu qaba.
B/ Himni dubbifamaa qofaan jalqaba.
C/ Hima jachoota lamaa qofaa irraa ijaaruu ni danda’ama.
D/ Himni hundi dhugaa ibsa.
E/ Himni tuuta jachootaa irraa tolfama.
4.3 Jechoota armaan gadii bakka sirriitti guuti.
Haqa, booka, nyaata, hoolaa, barii
1.__________________nyaate.
2._Inni_________________jiru beeka.
3. Boonaan _____________ dhugaa jira.
4. Ganama ______________ deeme.
5. Dallaa keessaa ____________ yaase.
4.4. Barreessi
Gama sana dhaqe.
Muka muree mana ijaare.
Ala sana rafe.
Jara bira dhaqee bule.
Guyyaa guutuu jooraa oolee gale.
4.5 Jechoota kana itti aanan irraa hima ijaari!
Dhodhoosuu,
Olola
Gorora
Gabaabaa
Gugguufuu
Irra-buta.
Jechoota tokko tokko keessatti oggaa barreeffaman dubbifamaan gosti lama walitti aananii utuu dubbachiiftuun gidduu hin galiin barreeffamu. Isaan akkasii oggaa dubbifaman, dubbifamaan jalqabaa irra-butamee isa lammaaffaa irratti jabaata. Isaan akkasii irra buta jedhamu.
Fknf: arba, amna, erbee, ilma, olbaa, ulmaa, boombii, cuunfaa, dilbii, fuunfachuu
Hub: Dubbifamaan sadii ta’anii walitti aananii hin galan.
Gilgaala 5ffaa
5.1. Dubbisi
birkii, borqii, angafa, angoo, ergaa, hirphuu, irbuu, kolbaa, gaangee,
5.2.Barreessi.
Rirma, golboo, cuftuu, giingee, dhoolbee, gorba, tortorsuu, tarsaasuu, gumbii gunfura.
5.3. Jechoota armaa gadiin hima ijaari.
Milki, ulmaa
Morma gonfaa
Harma marxoo
Harka qabsoo
Jilba furgaasuu
5.4. Jechoota itti aanan bakka sirriitti guuti!
Qabsoo, galgala, garbuu, sarbaa, cunqeessuu,
Eda_____________ dhufe.
Bilisummaan ____________ fedha.
Taa’ee dubbii _______________ jaallata.
Owuruu isaa hunda ____________ facaafate.
________________n ishee barbadaa fakkaata.
5.5. Jechoota irra-butaa gama boodaan dheeraa 5 barreessi.
5.6. Barreessi dubbisi!
Bifti culullee gurraacha.
Buddeena boqqolloo jaallatti
Abbaa mana kanaa beektaa?
Waraanni keenya haxii hidhee diina barbadeesse.
Laga Birbir gmaa ganda kanatti gale
Sirna gabroomsaa burkuteessuuf qabsoofna.
Tooftaa fi tarsiimoo qabsoo wal barsiisna.
Gurbicha simbo dhablee sana beektaa?
Barsii garbuu tuultee gubde.
Wirtuu dugdaa keessa waxale.
Hudhaa (’)
Afaan Oromoo barreessuu fi dubbisuu keessatti seerota hordofamuu qaban keessaa tokko hudhaa dha.
Hudhaan mallattoo bakka oggaa jecha tokko dubbisnu sagaleen jechichaa addaan citutti galuu dha.
Afaan Oromoo keessatti oggaa dubbisnu, bakka afuurrii sonba irraa ka’ee gara laagaa dhufu sagaleewwaan jecha tokkoo addaankututti hudhaan (’) gala.
Fknf: Har’a, baay’ee, hir’uu, xaa’oo, gu’aa, mi’a, don’a, bal’aa, qu’uu, waa’ee
Hub: Dheerinnii fi gabaabinni sagalee dubbachiiftuu dubbifamaan dura ykn booda
galu irratti akka hundaa’u ilaallee jirra. Hudhaa keessatti ammoo dheerinni
sagalee gama duraa fi boodaa dubbachiiftuu hudhaa dura ykn booda galuirratti
hundaa’a.
Fknf:
A. Gama duraan dheeraa:
Yaa’e, taa’e, boo’e, kaa’e,
C. Gama boodaan dheeraa:
lo’aa, se’uu, ka’uu, mo’oo, du’aa, de’uu, ro’oo, re’ee
D. Gabaabaa leexaa:
ka’e, ho’a, du’a, sa’a, mi’a, gu’a
E. Dheeraa leexaa:
xaa’oo, waa’ee, yaa’ii, yaa’aa, kaa’uu, boo’uu
Gilgaala 6ffaa
6.1. Dubbisi!
Bari’uu, raata’uu, mar’ataa, bar’uu, daa’ima, muusa’uu mil’uu, hir’ina, dhama’uu, bal’oo.
6.2. Barreessi!
Ji’a ja’a naanna’ee ce’e.
Si’ana si’oo gaarii qaba.
Dallaa bal’aatu itti naanna’ee jira.
Yaa’ii guddaatu walitti yaa’ee taa’a.
Yaa’a bal’aa utaalee ce’e.
Bariin bari’uu yaadda’a.
Naanna’ee diina secca’ee haxaa’e.
Ibidda bar’uu miillaa itti ta’e.
Muusa’ee raata’ee taa’a.
Xaaxa’ee tarsa’ee faca’e.
6.3. Keessaa filii deebii sirrii ta’e bakka duwwaatti guuti!
1. __________ barii deeme. a/ har’a b/eda c/dhi’a
2. Lagaa gaaratti ol ___________ a/ taa’e b/ ba’e c/ce’e.
3. Fo’aa ___________ gurgurate. A/fa’a b/dha’a c/fo’ee.
4. Ilmoo ___________ qalate. A/ ra’ee b/sa’aa c/ bu’ee
5. Barcuma irra ________. A/ taa’a b/ ta’a c/taa’aa
6.4. Jechoota armaa gadii keessaa filii bakkoota duwwaatti guuti!
Solola’i, burcuccaa’e, dhangaggaa’e, balali’a, hir’uu
F. Buddeenni _____________ laphee nama guba.
G. Caaltuun_______________ yaa jaali naan jedhte.
H. Raasnaan ______________ .
I. ____________ gad fagoo wayya.
J. Allaattiin qilleensa irra _________.
Xumurtoota(taasuu xumuraa/verbs)
Xumurtootni- Sagalee dubbifamaa fi dubbachiiftuu irraa ijaaraman ta’anii dhuma himaa irratti galanii buufachiisu (xumursiisu.) Isaanis kanneen kanatti aanii dha.
dha, ti, kaa, miti, dhaa, tii mitii ,ree,/yii
1. ‘dha’n- jecha miti.
- Dhuma himaatti qophaa of danda’ee galuun hima xumursiisa.
Fkn:- Boontuu fi Boonsaan obbolaa dha.
Urgeen b arsiistuu dha.
Kan eenyummaa isaa hin beekne doofaa dha.
2. ‘ti’n- jecha miti.
-Kophaatti of danda’ee galuun hima xumursiisa.
Fkn:- Oromiyaan kan Oromoo ti!
Gamtaan obboleessa Lalisee ti.
3. ‘kaa’n- jecha miti.
Hima gaaffii ykn ajaja of keessaa qabu dhuma irratti galuun xumursiisa.
-Kophaatti of danda’ee gala.
Fkn:- Bor naaf dhufta kaa?
Dafii dhaqqabi kaa!
4. ‘ree’n- jecha miti.
Sagalee dheeraa ta’ee hima gaaffii of keessaa qabu xumursiisa.
Kaa ykn yii waliin wal fakkaatu.
-Kophaatti jecha biraatti utuu hin hidhamin galu.
Fkn:- Bor naaf fiddaa ree?
Daftee deebitaa ree?
5. ‘miti’n- jecha hima diddaa /mormii xumursiisuu dha.
Fkn:- Oromoo fi Habashaan tokko miti.
Kan eenyummaa isaa hin beekne sab-boonaa miti.
6. ‘mitii’n- Jecha hima gaaffii xumursiisuu dha.
Fkn:- Isheen sun Saartuu mitii?
Soorii fi Sooressaan lakkuu mitii?
7. ‘dhaa fi tii’n- Lamaanuu hima gaaffii buufachiisu.
Dhuma himaa irratti kophaatti of dandaa’anii galu.
Fkn:-
A/ ‘dhaa’- Kan afaan Oromoo dubbatu hundi Oromoo dhaa?
Inni dhufaa jiru sun boonsaa dhaa?
B/ ‘tii’- Boontuun obboleettii kee tii?
Garbuun midhaan gammoojjii tii?
Gilgaala 7ffaa
7.1. Barreessii dubbisi!
Caaltuun qabsooftuu dha.
Oromiyaan biyya Oromoo ti.
Kan argatan irra kan abdatantu caala mitii?
Yoo sussukte har’a dhaqqabdaa ree?
Obsa guddisuun wallaalummaa dhaa?
Saffisaan bobba’ii dafii deebi’i kaa!
Sab-boonummaan dhiphummaa miti.
Alagaan bitamuun qaanii guddaa ta’uu hubattee mitii?
Dubbachuu dura qalbeeffachuun gaarii dha.
Qabsoon keenya kan haqaa ti!
7.2. Xumurtoota armaan gadii bakka sirriitti guuti!
dha, miti, ti, kaa, tii,
Bor naaf dhufta __________!
Oromummaan afaan qolfaa ______.
Teessoon isaa Finfinnee _______ .
Ibsituun obboleettii Bariisoo _______.
Hundeen ilma Tolaa _________?
7.3. Bakka duwwaatti xumurtuu sirrii filii guuti!
1. Kan eenyummaa isaatti qaana’u doofaa _____.
1. kaa b. ree c. dha
2. Iftaan naaf deebista _____.
dha b. kaa c. miti.
3. Ayyaantu kaameettii intala Oromoo ______.
a. ti b. dhaa c. tii
4. Alagaaf Waardiyyaa dhaabbachuun bilisummaa ________?
ti b. dhaa c. tii
5. Oromummaan Habashummaa miti, ittiin naaf jedhi _______!
a. miti b. dhaa c. kaa
7.4. Xumurtoota itti aananiin hima ijaari!
dhaa, tii, mitii, ree, dha.
Gudunfaa
1/ Dubbachiiftuu fi dubbifamaan sagalee ta’u. Sagalee fi sagaleen ammoo jecha kennu.
2/ Gabaabinni fi dheerinni sagalee dubbachiiftuu hubata.Laaffinnii fi jabinni sagalee
ammoo dubbifamaa hubata.
3/ Qubee tokko(dubbachiiftuu ykn dubbifamaa) ida’uun ykn hir’isuun hiika jechaa ni
jijjiira.
4/ Dubbifamaan gosti lama yoo walitti aananii galan inni jalqabaa irra butamee isa
lammaffaa irratti jabaata. Kanaaf irra-buta jedhama.
5/ Hudhaan jecha tokko oggaa dubbisnu bakka afuurri sonba irraa ka’ee gara laagaa
dhufu sagaleewwan jecha sanaa addaan kututti gala.